Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan dippiloomaatoonni Ameerikaa 10 Mooskoo akka ba’an ajeejje

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Raashiyaan dippiloomaatoonni Ameerikaa 10 Mooskoo akka ba’an ajeejuu ishee ibsame.

Dippiloomaatoota 10 Mooskoo akka ba’an ajeejamaniin ala aanga’oonni olaanoon Ameerikaa 8 gara biyya ishee akka hin seenne qoqqoobbi keesseerti.

Aanga’oota Ameerikaa Raashiyaan qoqqoobbii irra keesse keessaa daayreektarri qorannoo Ameerikaa (FBI) fi Abbaan Alangaa biyyattii isaan tokko jedhame.

Murtoon kun deebii tarkaanfii Ameerikaan kamisa darbe fudhatteef ta’uu ibsameera.

Yeroo ammaa hariiroon biyyoota lamaniin fuggisoo ta’aa dhuufuu himameera.

Yeroo dhiyoo as Raashiyaan waraanaa kumaatamaan lakkaawwaman gara daangaa Yuukreeniitti dhiyeessaa kan jirtu yoo ta’u, Ameerikaan ammoo dooniwwan waraanaa gurguddoo gara galaana Gurraachaatti dhiyyeessaa jirti jedhame.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.