Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan halleellaa raawwatame hordofee shakkamtoota 11 to’atte

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Raashiyaa Magaalaa Mooskootti dhiyaattee kan argamtu Magaalaa Kiroositti galma konsartii muuziqaa gaggeeffamaa jiru keessatti haleellaa raawwatameen walqabatee shakkamtoota 11 to’annoo jala oolchuun gabaafame.

Haleellichaan lakkoofsi namoota du’anii 143 qaqqabuun eerameera.
Gochichaan kanneen shakkamuun to’ataman keessaa afur hidhatanii galma keessatti ajjeechaa kan raawwatan ta’uu Rooyitarsi gabaaseera.

Haleellicha raawwachuun gareen hidhate tokko itti gaafatama akka fudhatu kan beeksise ta’us, Raashiyaan gochichi waraana Yuukireen waliin eegalaniin kan walqabatu ta’uu akka danda’u ibsiteetti.

Goraan Pireezidaantii Yuukireen Mikayiloo Podoliyaak akka jedhanitti gochichi biyyaa isaaniin waliin gonkumaa kan walqabatu miti.

Haa ta’u malee, kanneen haleellicha raawwatan jedhamuun shakkamanii to’ataman keessa afur dangaa Raashiya-Yuukireenitti qabamuu Dhaabbanni Tikaa Raashiyaa beeksiseera.

Aanga’oonni Raashiyaas gochichi haleellaa shororkeessummaa ta’uu akka malu eeruun, dhimmicharratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu akeekaniiru.

Haleellichaa ilaalchisuun Pireezidantiin raashiyaa Vilaadmiir Putiin gama televiizhinii biyyaalessaa biyyattiin ergaa dabarsaniin ifatti haleellaa shororkeessummaa ta’uu dubbataniiru.

Diinonni nu qoqqoodu hindanda’an kan jedhan Putiin, kanneen gochicha raawwatan adabbii barbaachisaa kan adaban ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.