Fana: At a Speed of Life!

Riiformiin damee fayyaan taasifame walitti dhufeenya mootummaafi dameen dhunfaa foyyesse – Dooktar Darajjee Dhugumaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2015 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti Hospitaalli Dirree Godaanaa Birrii miiliyoona 109 ijaarame eebbifameera.

Mootummaa abbootiin qabeenyaa dhunfaa damee fayyaa irratti akka hirmaatan xiyyeeffannoon kennuun hojjechaa jiraachuu Hospitaalicha kan eebbisiisaan Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Hospitaalichi Meeshaalee amayyaafi Ogeeyyii Ispeeshaalistii dabalatee hojjatoota ga’umsa olaanaa qabaniin hojii eegaluu Abbaan qabeenya Hospitaalichaa Dooktar Godaanaa Jaarsoon himaniiru.

Hospitaalichi Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Itti aanaa Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa, Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqeefi keessummoonni garagaraa bakka argamanitti eebbifamuun hojii eegaleera.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.