Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan dorgommii dubartootaa umrii waggaa 20 gadii Seekaafaa ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Sagantaan dorgommii Tapha Kubbaa Miilaa dubartootaa umrii waggaa 20 gadii Biyyoota Bahaa fi Giddugala Afrikaa qopheessummaa Ugaandaan gaggeeffamuu ifoomera.
Taphni Kubbaa Miilaa dubartootaa umrii waggaa 20 gadii Biyyoota Bahaa fi Giddugala Afrikaa kun biyyoota 6 kan hirmaachisu yoo ta’uu, Onkololeessa 20 – 30, 2014 kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Ugaandaa, Ityoophiyaa, Birrundii, Eertiriyaa, Jiibuu fi Taanzaaniyaan dorgomicharratti kan hirmaatan ta’uu eerameera.
Dorgomichaan gareen qabxii olaanaa galmeessise moo’ataa ta’a jedhame.
Biyyoonni dorgomicharratti hirmaatan dorgomichi eegaluun dura guyyaa lama dursanii Ugaandaa Kaampaalaa galuu akka qaban qaamni dorgomicha gaggeessu beeksiseera.
Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Umrii waggaa 20 gadii Biyyaalessa Ityoophiyaa Onkololeessaa 20, 2014 guyyaa keessaa sa’aatii 7:30 irratti gita isaa Jiibuutii waliin tapha jalqabaa kan taphatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Akkasumas Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Umrii waggaa 20 gadii Biyyaalessa Ityoophiyaa Onkololeessaa 22, 2014 sa’aatii 7:30 Eertiriyaa,
Onkololeessaa 24, 2014 sa’aatii 7:30 Taanzaaniyaa,
Onkololeessaa 27, 2014 sa’aatii 7:30B Birrundii,
Onkololeessaa 30, 2014 sa’aatii 7:30 Ugaandaa waliin kan taphatu ta’uu ragaan sagantichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.