Fana: At a Speed of Life!

Seeneegaal Biyya Afrikaa tapha moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa 22ffaaf ga’uu mirkaneeffatte jalqabaa taate

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Seeneegaalii fi Neezarlaandi tapha moo’anii darbuuf ga’uu mirkaneeffatan.

Taphni Waancaa Addunyaa har’a galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee Ekkuwaadoorii fi Seeneegaal gidduutti taphatame olaantummaa Seeneegaaliin xumurameera.

Goolii sarr daqiiqaa 44 ffaa fi Koulibaly daqiiqaa 70ffarratti galchaniin seeneegaal goolii 2 fi 1n Ekkuwaadoor injifatteerti.

Caicedo 67′ irratti Ekkuwaadooriif goolii 1 galcheera.

Gama biroon taphni Neezarlaandii fi Kuwaataar gidduutti gaggeeffame olaantummaa Neezarlaandiin xumurameera.

Gakpo daqiiaa 26ffarratti, de Jong daqiiqaa 49ffarratti goolii tokko tokko galchaniiru.

Ekkuwaadoorii fi Kuwaataar tapha waancaa Addunyaa ala ta’aniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.