Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni Birrii miiliyoona 8 matta’aa fudhacnuu fi laachuuf waliigalan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Galii mootummaa hir’isuufi dhoksuuf hojjettoonni Birrii miiliyoona 8 matta’aa fudhachuu fi laachuuf waliigalan harkaa fi harkatti too’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Hojii gaggeessaa fi hojjetaan Warshaa baksaa sibiilaa Niijimaan waldaa dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee galii biyyaaf galu dhoksuuf yaadanii hojjetaa ooditii fi hordoffii galiif Birrii miiliyoona 8 matta’aa laachuuf tattaaffii taasiisanis ogeessichi eeyyamama waan hin taaneef osoo hin milkaa’iin hafeera.

Yaa ta’uutii Hojii gaggeessaa fi hojjetaan dhaabbitichaa ammas itti fufuun hojjettaa Ministeera Galiiwwan obbo Dagif Zabbir jedhamu bira deemuun yakka kana raawwachuuf waliigaluu isaanii Poolisiin ibseera.

Birrii miiliyoona 8 matta’aa laachuu fi fudhachuuf waliigalanii dursa Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 98 walii laachuuf wayita jedhan harkaafii harkatti to’annoo jala ooluu himameera.

Shakkamtoonni kunneen eeruu ummataa fi hordoffii miseensota Pooliisiin harkaa fi harkaatti to’atamuu ragaan komishinii poolisii federalaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.