Fana: At a Speed of Life!

Siidaan Caalii Shoonoo ijaarramuufi

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Siidaan Caalii Shoonoo ijaarramuufi.
 
Siidaa Caalii Shoonoo Abbaa Boor ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame.
 
Siidichi Birrii 3,235,479 kan hojjetamu ta’uu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Iluu Abbaa Boor beeksiseera.
 
Siidicha kan hojjetu Dhaabbata Fakkii fi Siidaa Haard jedhamudha.
 
Siidaan kun aanaa Yaayyootti dhaabbata.
 
Hogganaan dhaabbatichaa Artiist Birhaanuu Taaddasaan hojicha hanga Fulbaana 30,2013 akka xumuramu himaniiru.
 
Walitti qabaan koree proojaktichaa obbo Misgaanaa Goobanaanis hojichi sadarkaasaa eeggatee yeroo qabameefitti akka xumuramu imaanaa jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.