Fana: At a Speed of Life!

Sochiin “mass sport” guyyaa boruu akka Oromiyaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Sochiin “mass sport” akka Oromiyaatti namoota miiliyoona 1 ol hirmaachisu guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii naannichaa beeksise.

Oromiyaatti Ispoorteessitoota ciccimoo sadarkaa Addunyaatti biyya bakka bu’an heddumminaan horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Biiroon Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa sochii “Mass Sport” naannichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef ibsa kenneera.

Guyyaa boruu akka guutuu biyyaatti sochiin “mass sport” namoota miiliyoona 5 hirmaachisuu fi akka Naannoo Oromiyaatti ammoo namoota miiliyoona 1 ol hirmaachisu kan gaggeeffamu ta’uu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa ibsaniiru.

Guyyaa boruu ganama magaalaa Adaamaatti qaamolee adda addaa jiraattota magaalichaafi magaalota naannichaa irraa dhufanii fi hoggantoota olaanoo dabalatee namoota kuma 50 hirmaachisu ni adeemsifama jedhan.

Akka guutuu Oromiyaattis magaalota, godinaalee, aanolee, gandootaa fi manneen barnootaa keessatti sochiin “mass sport” kun sa’atii tokkoof kan gaggeeffamu ta’uu eeraruu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.