Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila fayyaa daa’immanii fi haadholii dabalatee kenninsa tajaajila idileerratti xiyyeeffannan laafu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) –– Tajaajila fayyaa daa’immanii fi haadholii dabalatee kenninsa tajaajila idileerratti xiyyeeffannan laafu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Jilli Deettaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan durfamu haala kenninsa tajaajila fayyaa idilee Hospitaala Riiferaalaa Asallaa daawwateera.

Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa sababa weerara vaayrasii koroonaan sodaa uumameen sadarkaa biyyaatti kunuunsa fayyaa daa’immanii fi haadhoolii dabalatee xiyyeeffannoon tajaajilla fayyaa idileef kennumu hir’ateera jedhan.

Fayyaa haadholii fi daa’immanii dabalatee dhuukkuboota daddarboo fi daddarboo hin ta’in xiyyeeffannoo aakka argataniif mootummaan immaammata haaraa qopheesse hojjechaa jiraachu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.