Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Fayyaa Qulqullina qabu Waliingahuuf Itti Fayyadamni Teeknooloojii murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) -Tajaajila Fayyaa Qulqullina qabu Waliingahuuf Itti Fayyadamni Teeknooloojii murteessaa ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Yaa’iin biyyaalessaa Qulqullina Innooveeshinii Fayyaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yaa’ichi sadarkaa Tajaajila yaala Fayyaa, qulqullinaa fi haqa qabeessummaa, akkasumas dhimmoota nageenyarratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa turuu eeraniiru.

Tajaajila yaala fayyaa guddisuuf itti fayyadamni teeknooloojii daraan murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.

Misoomni biyyaalessaa Saayinsii fi Teeknooloojiin akka deeggaramu Imaammanni qophaa’uu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan himaniiru.

Hojmaata haaraa diriirsuun tajaajila fayyaa qindoominaa fi kalaqaan deeggarame kennuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.