Fana: At a Speed of Life!

Tapha Waancaa Awurooppaan Raashiyaan Fiinlaanda injifatte

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Taphni Waancaa Awurooppaa Fiinlaandii fi Raashiyaa gidduutti gaggeeffame olaantummaa Raashiyaan xumurameera.
Ramaddii ‘B’ jala kan jiran Fiinlaandii fi Raashiyaa tapha har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegaluun taphataniin Raashiyaan goolii goolii 1 fi 0n injifatteerti.
Taphataan sarara fuuldaraa Raashiyaa Al Miraanchuuk daqiiqaa 45ffaarratti goolii 1 galchuun Raashiyaan qabxii 3 taphichaa akka argattu taasiiseera.
Raashiyaan tapha jalqaban Beeljiyeemiin goolii 3 fi 0n injifatamuun ishee kan yaadatamuudha.
Taphni biyyoota ramaddii ‘A’ jalatti ramadamiin itti fufuun galgala sa’aatii 1:00 irraa eegalee Tuurkii Weelsi waliin, sa’aatii 4:00 irraa eegaluun Xaaliyaaniin Siwiizarlaand waliin morkiin taasiisan xiyyeeffannoo argateera.
Maddi:-BBC Sport
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.