Fana: At a Speed of Life!

Turki bakkeewwan 500 ta’an finciltoonni Kurdi ni argamuu jette haleelte

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Turki Iraaqii fi Sooriyaa keessa socho’u kan jettee finciltoota Kurdirratti haleellaa qilleensarraa gaggeessiteen bakkeewwan 500tti dhiyaatan rukutuu beeksifte.

Turki haleellaa dhiyeenya gaggeessiteen bakkeewwan finciltoonni maadheffan 471 rukutuu beeksifteetti.

Tarkaanfii waranaa fudhatteen finciltoonni 254 barbadeeffamuu CGTN Anaadooluu wabeeffachuun gabaaseera.

Guyyaa har’aa Pireezidaantiin Biyyattii Rasiip Xayiib Erdohaan “Turki rakkoolee ishee ofii isheen furuuf mirga qabdi” jechuun ejjennoo finciltootarratti qaban beeksisuu miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Finciltootarrattis halleellaa qilleensaa dabalatee halleellaa lafarraa akka gaggeessaan eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.