Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin koroonaa ariitiin babal’achaa jira jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Vaayrasiin koroonaa ariitiin babal’achaa jiraachuun ibsame.

Aljeeriyaan, Gibtsitti aanuun Afrikaatti biyya lamaffaa aardichaa vaayrasiin keessatti mul’ate taatetti.

Vaayrasiin koroonaa Aljeeriyaatti mul’ate kun Xaaliyaanirraa dhufuu isaa biyyattiin beeksifteerti.

Aljeeriyaa dabalatee biyyoota akka Oostiriyaa, Krooshiyaa fi Swiizarlaanditti namoonni vaayrasii kanaan qabaman namoota Xaaliyaanirraa dhufanii jedhame.

Xaaliyaanitti namoota 322 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 11 du’aniiru.

Iiraanittis itti aanaan ministira Ministeera Fayyaa biyyattii dhibee kanaan qabamuutu dhaga’ame.

Iiraanitti namoota dhibichaan shakkaman 95 keessaa namoonni 15 du’aniiru jedhame.

Itti aanaan ministira Ministeera Fayyaa biyyattiis dhibichan erga shakkamanii iddoo yaala addaa keessa jiraachuun ibsameera.

Giddugala Bahaatti weerarri dhibee kanaa sadarkaa hammaataarra yoo ga’u, meeshaaleen yaalaa dhibichaaf oolan hanqinni mudachuutu himame.

Miseensonni mana mare seera baaftootaa biyyattii magaalaa Qulqulluu Quumitti namoonni 50 dhibee kanaan du’uu ifoomsanis mootummaan biyyattii garuu dhugaa jedhee fudhachuuf kan isa rakkise ta’uu ibseera.

Chaayinaatti ogeeyyiin yaalaa kumni 3 ol dhibee kanaan qabamaniiru.

Kooriyaa Kibbaattis namoota 977 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 10 du’aniiru jedhame.

Waliigalaan hanga guyyaa kanaatti namoota kuma 80 fi 343 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 2 fi 703 du’aniiru.

Maddi:-BBC, Daily Mail, CCTV, CGTN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.