Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsi biyyoota Niwukilara hidhatan gidduutti uumamu badiisa idil addunyaatti geessa- Sargee Laavroov

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Walitti bu’iinsi biyyoota Niwukilara hidhatan gidduutti uumamu badiisa idil addunyaatti kan geessu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov yaadachiisan.

Waldhabdeen biyyoota niwukilara hidhatan gidduutti uumamu karaa nagaan akka hiikamuuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu ibsa guyyaa kaleessaa laataniin eeraniiru.

Waraana Raashiyaafi Yuukreen dura bara faranjootaa 2021 irratti Waashingitaniifi Mooskoon Meeshaalee Waraanaa Tarsiimawoo daangessuuf marii taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Haa ta’u malee biyyoonni lameen waliigalteerra osoo hin gahiin Ameerikaan maricha addaan kutuu ibsuu RTn gabaaseera.

Waraana niwukilaraan biyyi injifattu waan hin jirreef akka egalamuuf eeyyamamuu hin qabu jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.