Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hojiilee daddabarsa namootaa ittisuu irratti hojjetaman gamaaggamu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Waltajjiin hojiilee daddabarsa namootaa ittisuu irratti hojjetaman gamaaggamu gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaan namootaan daldaluu, seeraan ala nama dangaa ceesisuufi yakka karaa seeraan alaa hojiif biyya alaatti nama erguu kan gamaaggamamu ta’uu eerameera.

Waltajjicha kan qopheesse Mana Maree Biyyaalessaa namootaan daldaluu, seeraan ala nama dangaa ceesisuufi yakka karaa seeraan alaa hojiif biyya alaatti nama erguu ittisuufi to’achuuf hundeeffame ta’uu ibsameera.

Waltajjicharratti Ittaanaa Muummee Ministiraafi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin dabalatee qaamolee dhimmatoonni biroon argamaniiru.

Waltajjicharratti dhaammileen dhimmatootaa raawwii hojii isaanii dhiyeessuu eerameera.

Yakkoonni namootaan daldaluu, seeraan ala nama dangaa ceesisuufi karaa seeraan alaa hojiif biyya alaatti nama erguu qaama, lubbuufi nageenya lammiileerratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jiraachuufi sarbama mirga namoomaaf saaxilaa jiraachuu ibsameera.

Adaanach Abbabaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.