Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaan vaayrasii koroonatin wal qabsistee tarkaanfi adda addaa ifoomsite

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) – Xaaliyaan vaayrasii koroonaa ittisuun wal qabsistee tarkaanfi adda addaa ifoomsiteetti.

Biyyattitti walitti fufinsa guyyota lamaa keessaatti namoonni lakkoofsi isaanii olaanaa ta’an vaayrasii koroonatin qamabaniiru.

Haaluma kanaan manneen shubbiisaa halkanii fi manneen nyaataa banamanii turan akka cufamaniif murteessiteetti.

Konfiraansii fi agarsiifnii akkasumas manneen Ispoortii akka cufamaniif murta’eera.

Muummeen Ministiraa Xaaliyaan Juuseeppee Koontee sosochiwwan biroon akka dhaabbatanis dubbataniiru

Lammiileen biyyattis haguugduu afaanii fi funyaanii,
fageenya qaama eeggachuu, qulqullinna harka ofii akka eeggataniif akeekkachiisaniiru.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.