Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaaronni dhaabbata mootummoota gamtoomanii  gara Liibiyaatti hin balaliine dhorkaman

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Xiyyaaronni dhaabbata mootummoota gamtoomanii  gara Liibiyaatti akkasumas Liibiyaarraa gara biyyoota biroos akka hin balaliine dhorkaman.

Humnoonni waraanaa Jeneraal Kaliifa Haftaar balaliiwwan dhaabbata mootummoota gamtoomanii gara Liibiyaa fi Liibiyaarraa iddoo biroottis akka hin taasifamne godhan.

Kunis immoo gargaarsa namoomaa garas geessuu fi nageenya eegsisuurratti dhiibbaa uumaa jira jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomanii.

Lolotoonni jeneraal Haftaar yeroo dhihoo asitti balaliiwwan dhaabbata mootummoota gamtoomanii taasisuuf hayyama hin kenninu jechaa turan.

Akka gabaasa AFP’tti jeneeraal Haftaar magaalaaTirippoolii “naannoo balaliirraa bilisa ta’e” akka ta’uu gochuuf yaada qabu. Akkasumas balaliiwwan dhaabbata mootummoota gamtoomanii haleellaadhaaf saaxilamoo ta’uu danda’u yaaddoon jedhu jira.

Gaafii fi deebii barressaan ol’aanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutarees torbee darbe BBC waliin taasissaniin waldhabdeen Liibiyaa “qaanessaadha” jedhan.

Dabalataanis Gutarees akkas jedhan: “waraanni Liibiyaa keessatti taasifamaaru fudhatama hin qabu. Afriikaan waldhabdee Liibiyaa keessatti adeemaa jiruuf furmaata fiduu gahee ol’aanaa taphachuu dandeetti,” jedhan.

dhaabbata mootummoota gamtoomanii gamasaatiin waldhabdee kana furuuf waan barbaachisu hunda ni deeggaras jedhan bareessaan ol’aanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutarees.

maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.