Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin abbootii seeraa naannoo Oromiyaa 2ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee Amajjii 8, 2012 (FBC) – Yaa’iin abbootii seeraa naannoo Oromiyaa 2ffaan Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon yaa’ii kanaa bu’aa riifoormii manneen murtii labsii 216/ 201 gamaaggamuun kallattii kaa’uuf akka ta’e preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Dasaa Bulchaa haasawa baniinsaa taasisaniin ibsaniiru.

Wixineen labsii hundeeffama waldaa abbootii seeraa dhiyaachuun kan irratti mari’atamu ta’uus dubbataniiru.

Abbootiin seeraa fi manneen murtii dhimoota filannoo bara 2012 irratti haala kamiin hojjechuu akka qaban ilaalchisees mariin ni gaggeeffama jedhameera.

Mudamni abbootii seeraa haaraa dhiyaataniif ni laatama.

Abbootii seeraa hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaniif beekkamtiin kan laatamu ta’unis ibsameera.

Yaa’ii kanaan dhimmoota jajjaboo kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa manneen murtii naannichaa bu’a qabeessa taasisan irratti mari’atamee kallattiin kan kaa’amu ta’uun eerameera.

Yaa’ii kana irratti preezdaantonni manneen murtii aanaalee, preezdaantonnii fi abbootiin seeraa manneen murtii olaanaa godinaalee fi mana murtii waliigalaa Oromiyaa hirmaachaa jiraachuu Milkeessa Sabbooqaatu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.