Fana: At a Speed of Life!

Yeroo ammaa dhibeewwan daddarboo caalaa kanneen hin daddarbinetu fayyaa namaa miidhaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)- Sagantaan baniinsa hubannoo uumuu fi ittisa dhibee Kaansarii Ujummoo nyaataa Yuunivarsiitii Arsiitti eegalameera.

Saganticharratti hayyoonni yuuniivarsiitii garaagaraa hirmaataniiru.

Kaansariin Ujummoo nyaataa godinaalee Arsii fi Baaleetti babal’atee hawaasa du’aaf saaxilaa jiraachuu qorannoon ifoomuu Itti aanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa dubbataniiru.

Dhibeen kun guutuu biyyatti faffaca’ee jiraachuu eeruun, yeroo ammaa dhaloota duubaa dhufaa jiru osoo itti hin beekkamne galaafachaa jiraachuu waltajjichaan ibsameera.

Yeroo ammaa dhibeewwan daddarboo caalaa kanneen hin daddarbinetu hawaasa keessatti babal’atee fayyaa namaa goolaa jiraachuus waltajjichaan eerameera.

Jamaal Gandootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.