Fana: At a Speed of Life!

Yuukreen Dooniwwan Raashiyaa lama haleeluu beeksifte

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC) – Yuukreen haleellaa Qilleensaa Galaana Gurraacharratti raawwatteen Dooniwwan Raashiyaa lama haleeluu waraanni biyyattii beeksiise.

Dabalataan Bu’uraalee misoomaa naannawaa Galaanaa Gurraachatti argaman barbadeessuu ibsameera.

Aanga’oonni Kiramiyaa gama isaaniin Yuukreen Buufata Doonii Kiramiyaa Seebaastoopool jedhamu Humna Qilleensaan haleeluu ibsaniiru.

Haleellichaan Giddu Galli Telegraamii kan ergaa humna galaanaa Raashiyaa deddeebisuu fi Bidiruuwwan biroorra miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Humni Galaanaa Raashiyaa haleellicha qolachuuf tarkaanfii deebii fudhateen Misaa’eeloota Yuukreen 10 rukutee kuffisuu ‘The Telegraph’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.