Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Barnootaa Kotabee Barattoota ogummaa fi sadarkaa garaagaraan barsiisaa ture 2526 eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin barnootaa Kotabee barattoota sagantaa Leevalii, digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan barsiisaa ture barattoota kuma 2 fi 526 eebbiseera.
Barattoonni har’a eebbifan sagantaa idilee, galgalaa, torbee fi fagoon kunneen barumsa isaanii hordofan ta’uu ibsameera.
Eebbifamtoota keessaa kumni 1 fi 241 dubartoota ta’uu himameera.
Sirna eebbaa kanarratti Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’ootaa duraanii obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii fi maatiin barattootaa argamaniiru.
Maddi:TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.