Fana: At a Speed of Life!

Ziimbaabuween maatii barattootaa daa’imman isaanii barnoota adda kuchisiisan hidhuufi

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Ziimbaabuween maatii barattootaa daa’imman isaanii barnoota adda kuchisiisan hidhuufi.

Mootummaan Ziimbaabuwee matii barattoota daa’imman isaanii gara mana barumsaa hin erginee fi daa’imman isaanii barnoota adda kuchisiisan hidhaa hanga waggaa lamaatin akka adabaman beeksiseera.

Mootummaan hanga umurii 16tti barnoonni dirqama akka ta’u kan godhe biyyattiitti, barattoonni barnoota isaanii adda kutan baayyachaa waan dhufeefi jedhame.

Akka ragaan agarsiisutti kutaalee biyyattii tokko tokkotti daa’imman %20 ta’an gara mana barnootaa hin deeman.

Biyyattiitti wayita ammaa sababa kaffaltii fi ulfaatin barnootarraa ari’amuun akka balleessatti ilaallama jedhame.

Bara Faranjootaa dabarsinetti, barattoonni sadarkaa 1ffaa %60 ta’an kaffaltii hin raawwanne jechuun barnootarraa ari’amaniiru.

Waggaa darbe kan boqatan preezdaantiin biyyattii duraanii Roobart Mugaabeen biyyattiin bilisummaa ishee argachuun walqabatee sirni barnoota isaan diriirsan fudhatama argatee ture.

Sirna barnoota Mugaabeen diriirsaniin manneen barnootaa hawaasaa hedduun banamuun lammiileen Ziimbaabuwee hedduuf carraa guddaan uummameet ture.

Kanaanis, Ziimbaabuween Afrikaarraa biyya uwwisa barnoota olaanaa qabdu taatet turte.

Haata’uutii, barnoonni bilisaa bara Faranjoota 1990 keessa akka dhaabatu ta’uun walqabatee sirni barnoota Mugaabeen diriirsan akka laafu ta’e.

Mootummaan maatii barattootaa barataa barnoota adda kute adabuuf kan dirqame sirna barnootaa bifa kanaan kufe baraarufidha.

Maatin barattootaa daa’imman isaanii barnoota adda kuchisiisan hidhaa waggaa lamaa yookiin ammoo maallaqaa Doolaara 260 ni adabamu.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.