Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra ga’uu haala ittisuun danda’amurratti ogeeyyiin Aartii waliin mari’atame

Miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra ga’uu haala ittisuun danda’amurratti ogeeyyiin Aartii waliin mari’atame
 
Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI miidhaa dubartootaa fi daa’imman irra ga’u ittisuu fi duub deebii laachuuf seeraa fi hojmaata isaarratti ogeeyyii Aartii waliin marii gaggeesse.
 
Marii kanarratti itti aanaa Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI obbo Galataa Siyyuum, daayreektarri damee hundaa dhimma daa’immanii fi dubartootaa Haati Alangaa aadde Mi’iraaf Tasfaayesuus, akkasumas hoggantoonni hojii fi ogeeyyiin Aartii garaagaraa argamaniiiru.
 
Miidhaan saalaa hubannoo dogoggoraa sirna saalaa irratti jiruun kan raawwatamu ta’uu Haati Alangaa aaddee Mi’iraaf kaasuun, yakkoonni kunneen harki caalu dubartootaa fi daa’imman irratti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.
 
Qaamni kamiiyyuu miidhaan qaamaa wayita irra qaqqabe dursa yaala xinsammuu argachuu qabu jedhan.
 
Keessattuu giddugaloota yaala kana laataan Hospitaaloota kanneen akka Gaandii, Xiruunash Beejiingi,Miinilikii fi Phaawuloositti yaala argachuu qabu jedhaniiru.
 
Dabalataan buufata Poolisii dhiyeenya isaanitti argamu dhaquun iyyachuu yooka himata banuutu irraa eegama jedhan.
 
Ogeeyyiin Aartii yakka kana ittisuu fi dhimmicharratti hubannoo barbaachisu uumuuf qooda isaanii ba’uu akka qaban waamichi dhiyaateera.
 
Ogeeyyiin Aartii rakkoo toora kanatti muul’atu furuuf sagalee ta’uu akka qabaniis dhaamamuu isaa ragaan Abbaa Alangaa Waliigalarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.