Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi jiraattonni godina addaa kabaja ayyaana Irreechaarratti mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi jiraattonni godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee kabaja ayyaana Irreechaarratti mari’atan.

Milkaa’ina kabaja ayyaanichaatif hunduu tumsuu akka qabus waltajjichaan dhaamameera.

Akkaataa kallattii Abbootiin Gadaa kaa’aniin ayyaanichi karaa dhibee vaayrasii koroonaaf nama hin saaxilleen kabajamuu qabas jedhan hirmaattonni marichaa.

Bulchaan godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee obbo Girmaa Hayluun sababii vaayrasii koroonaarraa kan ka’e Irreecha baranaa akka duriitti heddummaatanii kabajuun weeraraaf nama saaxila jedhan.

Sababii kanaan ergaa Abbootiin Gadaa dabarsan giddu galeessa godhachuudhan kabajamuu qaba jedhan.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.