Fana: At a Speed of Life!

Beenishaanguul Guumzitti walitti bu’iinsa uumuuf kan turtan namoonni 121 meeshaa waraanaa waliin to’ataman

Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumz godina Matakkal aanaa Gubaatti walitti bu’iinsa sabaa uumuuf kan turtan namoonni 121 meeshaa waraanaa waliin to’atamuu koomiishiniin poolisii naannichaa beeksise.
 
Koomiishinarri koomiishinii poolisii naannichaa Mahaammad Hamdaniil akka beeksisanitti, gareen badii qaqqabsiisuuf ture kun Adoolessa 20,2012 galgala keessaa naannoo sa’aa 2:30tti aanaa Gubaa ganda Jiidiyaatti lubbuu namoota 13 balleessera.
 
Garicha keessaa 61 dhukaasa taasifameen kan qabaman yoo ta’u, kaan ammoo deeggarsa adda addaa taasisaa kan turanidha.
 
Poolisiin naannichaa miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa waliin tumsa taasiseen, shakkamtoota to’annaa seeraa jala oolcheras jedhan.
 
Garee badii kana balleessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Meeshaan waraanaa seeran alaa RBG 1, meeshaa dhoohu 3, Qimbullaa 1, Kilaashii 6, meeshaalee durii 17, rasaasni Bireenii 293 fi rasaasni Kilaashii 30; waliigalaan rasaasni 223, mootar saaykilii 6 fi daakuun nyaataa to’atameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.