Fana: At a Speed of Life!

Biiliyeenara Jaappaan tokkoof dubartoonni kuma 20 ol ta’an kaadhima ta’uuf iyyata dhiyeeffatan

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Dubartoonni biiliyeenara Jaappaan tokkoof kaadhimaa ta’uuf iyyata dhiyeeffatan kuma 20 ol ta’aaniiru jedhame.

Iyyatni dubartootaa kun kan dhiyaate biiliyeenarichi Yuusaakuu Maa’iizaawaan imala gara addeessaatti taasisuuf kadhimaa qabatee deemu akka barbaadu ibsuu isaa irratti hundaa’eti jedhameera.

Dhaabbanni teeknooloojii hawaa Iiloon Musaak nama dhuunfaa yeroo jalqabaaf gara addeessaatti imalu Yuusaakuu Maa’iizaawaaf Doolaara miiliyoona 9 kaffaluun isaa miidiyaalee hawaasummaa irratti hordoftoota hedduu horachuu danda’eera.

Dubartoonni imalicha irratti hirmaachuu fi biiliyeenaricha kaadhimmachuu fedhan heddummaataniiru.

Biiliyeenarichi dubartoota isa waliin imaluu fedhaniif gaaffilee dhiyeessa keessaa ‘osoo xiyyaara dhuunfaa qabaattee ana waliin garam imaluu barbaadda’ kan jedhu keessatti argama.

Imalichaafis bara Faranjootaa 2030 beellamateera.

Maddi:-Rooytars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.