Fana: At a Speed of Life!

Birriin miiliyoona 100 ol baasii kan itti ta’e Buufanni Gogaa Warataa torbee dhufu eebbifama

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Birriin miiliyoona 100 ol baasii kan itti ta’e Buufanni Gogaa Warataa marsaan jalqabaa torbee dhufu eebbifama.

Dhaabbata Tajaajila Lojistikii Galaanaa fi Geejjiibaa Ityoophiyaatti hojii raawwachiisan itti annaa damee buufataa fi tarminaalaa obbo Iwunatuu Taayyee akka ibsanitti misoonni buufata buufata gogaa biyyattiin qabdu gara saddeetitti ol guddiseera.

Waliigalaan lafa heektaara 25 uwwisa kan qabu buufanni gogaa Warataa marsaan jalqabaa ijaarsi isaa lafa heektara 3 irratti xumuramee torbe dhufu akka eebbifamu himaniiru.

Heektarri hafaan ammoo baroota dhufanitti kan misoomaan yoota’an, dandeettin buufata gogaa keessuumeessu danda’u dacha saddeettin ni guddisa jedhameera.

Ijaarsi isaa bara 2011 kan eegale buuffanni gogaa Warataa basin Birrii miiliyoona 100 ol itti ba’eera jedhame.

Yeroo ammaa kana buufanni gogaa Dirree Dhawaa ijaarsa kan jiru yoo ta’u, buufanni gogaa Maqaalee dizaayniin isaa bara kana dhumuun bara itti aanuu ijaarsi isaa ni eegala jedhaniiru.

Wiirtuun olaanaan buufata gogaa Mojoo Birriin miiliyoona 100 ramadameefi misooma kan jiru yoo ta’u, deeggarsa Baankii Idil Addunyaara Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 aragameen dabalaatan heektaara 30 misoomsuuf hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.