Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa waldaalee qaama miidhamtootaa waliin mari’ate

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa waldaalee qaama miidhamtootaa waliin mari’ate.
 
Hirmaannaa qaama miidhamtoonni filannoorratti gochuu qaban, hammattummaa seera filannoo haaraarratti mari’atameera.
 
Waltajjicharratti hoggansi, hojjettoonni dameewwan boordichaa naannolee, Federeeshinii Waldaalee Qaama Miidhamtoota Biyyoolessaa, bakka buutonni qaama miidhamtootaa hirmaataniiru.
 
Qophii filannoon duraarratti qorannoowwanii fi leenjiirratti qaama miidhamtoota hirmaachisuun barbaachisaa ta’uurratti mari’atameera.
 
Barbaachisummaa seeraa fi imaammata filannoo hammattuu ta’e, mijina iddoowwan filannoo, taajjabdummaan hirmaachuu, adeemsaa fi muuxannoorrattis akkasuma mari’atameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.