Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalichaatti sagantaan galateeffanaa fi beekkamtii ogeeyyii fayyaa gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa ogeeyyii fayyaa weerara vaayrasi koroonaa ittisuurratti gumaacha olaanaa taasiisanii gaggeeffame.
Sadarkaa Itti Aanaa Kaantibaatti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay ogeeyyiin fayyaa kunneen weerara vaayrasii ittisuuf adda durumaan gummaacha taasiisuu isaaniin bulchiinsi magaalaa Finfinnee badhaasaa fi beekkamtii laachuufii ibsaniiru.
Yeroo itti aanus weerara vaayrasichaa to’achuurra darbee dhimmoota weerarichaa waliin walqabatanii dhufan furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Finfinnee weerara vaayrasii koroonaan daraan akka hin miidhamne ogeeyyiin fayyaa fi hojjettoonni kunuunsaa hanga wareegama lubbuu kaffaluutti gumaacha taasiisuu Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa himaniiru.
Ogeeyyii fayyaa fi hojjetoota kunuunsa fayyaa gumaacha olaanaa taasiisaniif beekkamtii fi badhaasni laatamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.