Fana: At a Speed of Life!

Caasaaleen barnootaa marti gaheesaanii bahachuu akka qaban Biiroon Barnoota Oromiyaa gaafate

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) –  Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa dursanii ittisuuf caasaaleen barnootaa marti gaheesaanii bahachuu akka qaban Biiroon Barnoota Oromiyaa gaafate.

Hogganaan biirichaa, Dooktar Tolaa Bariisoo ibsa har’a galma Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti gaazexeessitootaaf

kennaniin, ogeessotni barnootaa, barsiisotni, barattootaa fi maatiin hojii baruu barsiisuu fuulduratti deebi’ee eegalamurratti qophii gahaa gochuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Wayita ammaa vaayrasii koroonaa saffisaan tatamsa’uun lammiilee addunyaa gaaga’aa jiru durfamee akka ittifamuuf manneen barnootaa hundi yeroof kan cufaman ta’uus himaniiru.

Yeroo rakkisaa kana keessatti ammoo ogeessotni barnootaa naannawaa jiraataniitti haala itti dhibicha ofirraa ittisuun danda’amurratti hawaasa maraaf hubannoo uumuu akka qaba yaadachiisaniiru.

Keessumaa ammoo gaheen barsiisotni hawaasa dammaqaa fi misoomawaa uumuu keessatti qaban daran olaanaa waan ta’eef lammiilee magaalota xixiqqoofi baadiyyaa keessa jiraataniif hubannoosaanii ittifufiinsaan gabbisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hojii baruu barsiisuu fuulduratti eegalamuufis kallattii biirichi kennu hordofanii raawwachuufi raawwachiisuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Toora weebsaayitii biirichaa hordofuunis aadaa dubbisuusaanii gabbifachuu qabu jedhan.

Barattootni sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa, akkasumas dhaabbilee barnoota olaanaarraa barachaa turanis yeroon kun ulfaataa waan ta’eef maatiisaaniirraa fagaatanii deemuu akka hinqabne gorsaniiru.

Kitaaba ofharkaa qaban dubbisuu cinaattis hojiilee tola ooltummaarratti hirmaatanii hawaasasaanii gargaaruu akka qaban dhaamaniiru.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo oromiyaa beeksisetti, maatiin barattootaas yeroon kun yaaddessaa yaa ta’u malee kan darbu ta’uusaa beekanii hundarra hariiroo ijoolleesaanii waliin qaban qajeelfachuufi qayyabachiisuu qabu jechuun yaadachiisaniiru.

Vaayrasii gaaga’ama lubbuu, xinsammuu fi dinagdee lammiilee addunyaarra geessisaa jiru ittisuuf caasaaleen barnootaa gaheesaanii bahannaan salphumatti ittisuun ni danda’amas jedhaniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.