Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsa namoota seeraan alaa keessatti hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaa ni hirmaatu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni mootummaaa Daddabarsa namoota seeraan alaa keessatti kan hirmaatan ta’uu qorannoon FBCn gaggeesse mirkanneesse.

Akkaataa bobbii alaa haaraan lammiileen gara biyya alaa kan imalan leenjii fi ulaagaalee guutuu qaban guutuun qaban jiraatus maallaqaan sanadni fi ragaan sobaa qophaa’uun namoonni karaa seeraan alaa daddabarfamaa jiraachuu qorannoon FBCn gaggeesse ni mul’isa.

Hojiilee seeraan alaa kanaafis Birriin kuma 30 – 100 kan gaafatamu ta’uu ragaaleen ni mul’isa.

Namoonni karaa seeraan alaa gara biyya alaa imalan kunneenis biyya deemanii fi hojii hojjetan irratti hubannoo gahaa kan hin qabaanne ta’uu mirkanaa’eera.

Lammiileen biyyattii hedduun umrii ijoolummaa isaaniitti gochaa seeraan alaa kanaaf saaxilamuu qorannichi agarsiiseera.

Guyyoota sadan darban qofa oppireeshinii gaggeeffameen namoonni 700 karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf wayita jedhan to’atamuu ragaan Tajaajila Lammummaa fi Emmigireeshinnarraa argame ni mul’isa.

Faddaaltoonni, Ejansiiwwan, dhaabbileen mirkaneessa ga’umsa Teeknikaa fi Ogummaa, hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbilee garaagaraa dhimmicha keessaa harka qabaachuu FBCn qorannoo gaggeesseen ragaan argate ni mul’isa.

Leenjii osoo hin fudhatan mirkaneessi ga’umsa ogummaa dhaabbilee mootummaarraa maallaqaan ba’aa jiraachuus mirkanaa’eera.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.