Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fi qaamolee dhuunfaa qajeelfama Covid -19 cabsanirratti tarkaanfiin fudhatamu itti fufa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Dhaabbilee fi qaamolee dhuunfaa qajeelfama Covid -19 cabsanirratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufuu ta’uu ibsameera.
Hojiin qaamolee fi dhaabbilee seericha hin kabajne seeraan gaafachuun cimee itti fufuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaa beeksiisan.
Facaatiin weerara vaayrasii koroonaa yeroo gara yerootti daraan dabalaa dhufuu Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaatti daayreektarri to’anno balaa tasaa fi qorannoo fayyaa Dooktar Gammachuu Shuumeen ibsaniiru.
Lakkoofsi namoota gara wallaansa yaala cimaa galaniis sadarkaa yaaddeessaarra ga’uu dubbataniiru.
Of eeggannoon taasiifamu ammoo daraan hir’achuu himan.
Hubannoo hawaasaa cimsuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoomaniin hojjetamaa jiraachuu Dooktar Gammachuun kaasaniiru.
Facaatiin dhibee Covid -19 haalaan dabaluu Daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Kibbaa obbo Maammush Huseen eeraniiru.
Namoonni vaayrasichaan qabaman hedduun isaaniin kanneen umriin guddaa fi dhibee dabalataa qaban waan ta’eef dhukkubsattoonni gara kutaa yaala wallaansa cimaa galan heddummachuu himaniiru.
Waa’ee dhibichaa qofa hubachiisuun jijjiirrama amalaa fiduun waan hin danda’amneef dhaabbilee fi qaamolee dhuunfaa qajeelfama ittisa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e cabsan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhame.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.k
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.