Fana: At a Speed of Life!

Dhabbanni Chaayinaa ‘Human Weelii Faarmaasitikaal’ deeggarsa Birrii miiliyoona 4.6 taasise

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC)- Dhaabbanni Chaayinaa ‘Huumaan Weelii Faarmaasitikaal’ jedhamu deeggarsa meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaaf oolan tilmaama Birrii miiliyoona 4.6 taasise.
 
Dhaabbatichi deeggarsicha kan taasise tumsa daldala industirii akkasumas inistiitiyuutii misooma nyaataa, dhugaatii fi qorichaa waliin ta’uun himameera.
 
Deeggarsichi safartuu ho’a qaamaa dabalatee meeshaalee biroo vaayrasicha ittisuuf oolan kan dabalatedha.
 
Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taang Yuuzoong, deeggarsa taasifame kana ministira Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa dabarsaniiru.
 
Dhaabbatichi Doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 Ityoophiyaatti invastii gochuun meeshaalee yaalaa garaagaraa oomishaa jira.
 
Yeroo itti aanuf kaappitaala invastimantiisaa gara Doolaraa miiliyoona 100tti guddisuun waarshaalee dabalataa ijaaruuf karoora qabaachuu ibseera.
 
Ministir deettaan Ministeera Daldalaa fi Industirii obbo Takkaa Gabrayyas, vaayrasicha ittisuuf ogeessotni fayyaa hirmaataa jiraan deeggaramuu qabu jedhaniiru.
 
Kanafis deeggarsa dhaabbatichi taasise shoora olaanaa qabaachu dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.