Fana: At a Speed of Life!

Dhibee koleeraa to’achuuf hojjetamaa jira – Biiroon Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa dhibee koleeraa bifa weeraraatiin uumame to’achuuf hojjetaa jiraachuu beeksiseera.

Dhibeen Koleeraa Naannoo Oromiyaatti Godinaalee 6 keessatti mul’ate to’achuuf hojjetamaa jiraachuu Itti aanaan Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa DooktarTasfaayee Kabbabaan ibsaniiru.

Dhibeen kun Godinaalee Oromiyaa 6 Aanaalee 26, Gandoota 223 keessatti kan mul’ate ta’uu himaniiru.

Godinaalee keessatti mul’ate keessaas Godina Baalee keessatti guutumaan guutuutti kan to’atameefi Godina Baalee Bahaa keessatti ammoo Aanaa lama keessaa to’atamuun Aanaa tokko keessatti to’achuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Miidiyaaleefi tooftaalee Kominikeeshinii gara garaa fayyadamuun uummanni odeeffannoo argachuun of eeggannoowwan taasifamuu qaban akka taasisuufi mallattoo dhibichaa wayita argus gara wiirtuu yaalli Koleeraa itti kennamutti deemuun yaala akka argatan hojiin hojjetameen jijjiiramni kan dhufaa jiru ta’uus kaasaniiru.

Dhibicha to’achuuf hojii hojjetamaa jiru cinatti yeroo ammaa talaallii deeggarsaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa argameen Ministeera Fayyaa fi Inistiityuutii Qorannoo Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa waliin ta’uun Biiroon Fayyaa fi caasaaleen isaa Caamsaa 7/2015 irraa kaasee kennuuf qophiin xumuramaa jiraachuus ibsaniiru.

Talaalliin kun Godina Gujii, Boorana Bahaa, Baalee Bahaa, Arsii Lixaa fi Booranatti Aanaalee dhibeen Koleeraa itti mula’te keessatti kan kennamu ta’uus ibsameera.

Talaallichi namoota miiliyoons 1.5f kan kennamuufi namoonni umuriin isaanii waggaa tokkoo ol ta’an hundi talaallicha fudhachuu akka danda’an Dooktar Tasfaayeen ibsuun ragaan BKO irraa argame ni mul ‘isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.