Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Preezdaantoota naannolee fi walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaaleessaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Preezdaantoota naannolee fi walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaaleessaa waliin mari’ataniiru.

Mariin intarneetiin gaggeeffame kun filannoo dhufuratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Naannoleen nageenyaa fi tasgabbii kabachiisuuf, akkasumas galteewwan barbaachisan guutuuf qophii qaban gamaaggamuu isaanii Dooktar Abiy ibsaniiru.

Guyyaa kaleessaa hoggantoota Federaalaa fi naannolee waliin filannoo ilaalchisuun mari’achuun isaanii kan yaadatmuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.