Fana: At a Speed of Life!

Du’aatii Haadholii % 50 hir’isuuf hojjetamaa jira – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC) – Du’aatii Haadholii % 50 hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Konfaransiin Waldaa Ogeeyyii Yaala Gadaameessaa Fi Ulfaa Ityoophiyaa 29ffaan mata duree ‘dhiibbaa weerarri Covid- 19 sirna walhormaata eeggumsa fayyaa haadholii, daa’immanii fi dargaggootarraan ga’e’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Weerarri Covid- 19 uumamuun eeggumsa fayyaa walhormaatarratti dhiibbaa guddaa uumee turuu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.
Weeraricha ittisuuf sochii bal’aa taasiifameen dhibicha ittisuura darbee rakkoo eeggumsa fayyaa walhormaatarratti uumamu furuun danda’ameera jedhan.
Waldaan Ogeeyyii Yaala Gadaameessaa fi Ulfaa Ityoophiyaa du’a haadholii ittisuurratti hojii bal’aa hojjechuu ibsaniiru.
Waldichi du’aatii haadholii hir’isuuf hojii yaalaa, ijaarsaa dandeettii fi hubannoo cimsuurratti hojjechaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
Ministeerri Fayyaa Du’aatii haadholii 50n hir’isuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Karoora kana milkeessuuf kaaroora tajaajila maatirraatti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Darajjeen himaniiru.
Waltajjichaarratti ogeeyyiin damichaa idil addunyaa kan hirmaataan yoo ta’uu, barreeffamoonni qorannoo dhiibbaa weerarri Covid- 19 eeggumsa fayyaa walhormaata haadholii, daa’immanii fi dargaggootarraan ga’e ilaachisee dhiyaateera jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.