Fana: At a Speed of Life!

eerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qaamooleen garaagaraa deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qaamooleen garaagaraa deeggarsa taasisan.
 
Magaalaa Finfinneetti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu deeggarsi garaagaraa taasifamuu himameera.
 
Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan guyyaa har’aa deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 38 tilmaamamu fudhataniiru.
 
Dhaabbileen dhuunfaa 5 meeshaalee garaagaraa yaala vaayrasii koroonaaf oolu deeggarsa taasisuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.
 
Oduu walfakkaatuun Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Taableetoota kuma 1 deeggarsaan argateera.
 
Dhaabbinni Yuunaayiiteed Neeshiin Puuppuleeshiin jedhamu taableetoota Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 2 fi kuma 35 olitti tilmaamamu meeshaa jijjiirraa guutuu waliin Inistiityuutichaaf gumaachuu isaa ragaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.