Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisnii intarpiraayzoota baadiyyaa biyyaalessaa 2ffaan Baahir Daaritti ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Agarsiisnii(egzibiishinii) fi baazaariin intarpiraayzoota baadiyyaa biyyaalessaa 2ffaan magaalaa Baahir Daaritti ni gaggeeffama.

Walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi ce’umsa teeknooloojii guddisuuf kan kaayyeffate waltajjichi, Amajjii 2, 2012 naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffama.

Egzibiishinii fi baazaarichi mata duree “carraa hojii uumuu baadiyyaa badhaadhina biyyaalessaf” jedhuun guyyaa sadiif tura.

Intarpiraayzoonni baadiyyaa 85 fakkeenyummaan gaariin filataman naannoolee hundarraa egzibiishinicharratti ni hirmaatu.

Ministeera Qonnaatti ministir deettaan qabeenya uumaamaa fi wabii nyaataa Dooktar Kabaa Urgeessaa egzibiishinicha ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Dooktar Kabaan akka ibsanitti Intarpiraayzoonni baadiyyaatti carraan hojii kan uumameefi guddattoota, jalqabaa fi muuxannoon biiznasii kan itti hir’atudha jedhan.

Egzibiishinichi oomishaa fi tajaajiloota beeksisuu, ce’umsa teeknooloojii raawwachuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu akkasumaas muuxannoo wal jijjiirra raawwachuuf haala kan mijeessudha jedhameera.

Damicharratti qamoole dhimmi ilaallatu waliin mariin akka gaggeeffamu eerameera.

Akka Tajaajjilli Oduu Ityoophiyaa gabaasetti, egzibiishinii fi baazaaricharratti nannoole hundarra kan filataman intarpiraayzoota baadiyyaa, abbooti qabeenyaa, qaamolee tumsa misooma, hoggantoota hojii mootummaa federaalaa fi naannoo dabalatee namoonni 500 ol ni hirmaatu.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.