Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti meeshaaleen ittisa vaayrasii koroonaa sadarkaa isaanii hin eegne qabaman

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Finfinneetti haguuggiin fuulaa fi funyaanii sadarkaadhaa gadii kumni 33 ol, meeshaaleen qulqullinaa sadarkaa isaanii hin eegne liitirri 4,452 qabaman.

Abbaan Taayitaa To’annoo fi Bulchiinsa Nyaataa fi Dawaa Finfinnee dhaabbilee fayyaa fi manneen gurgurtaa dawaarratti sakattoo gaggeessuu beeksiseera.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf yeroo hojjetamaa jiru kanarratti dhaabbilee fi namoonni hojii yakkaa hojjetan of qusachuu akka qabanis akeekkachiisera.

Meeshaaleen qabamanis kaan maddi isaanii kan hin beekamne, sadarkaa qulqullina isaaniis kan hin eeggannedha.

Oomishaaleen qabaman maqfamanii, dhaabbileen kuusanii argamanis saamsamaniiru.

Dhaabbilee gurgurtaa dawaa daballii gatii hin malle taasisan 147 irratti tarkaanfin fudhatamuu abbaan taayitichaa beeksiseera.

Intarpiraayizoonni xixiqqaa 22 ol Eejansii Mijinaa Finfinneerraa eeyyama fudhatanii meeshaalee qulqullinaa oomishuu akka danda’an hojjetamaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.