Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Gumii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Jimmaatti gaggeeffama jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Fooramiin Gumiin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa dhimmaa nageenyaarratti bakka bu’oota uummataa fi abbootii amantii godina Jimmaa waliin mata duree ‘’Obbullummaa fi heddummina’’ jedhuun Jimmaatti gaggeeffama jira.

Fooramiichaan duudhaan amantaalee hundaa obbolummaadha, galmisaa lammii qajeelaa uumaasa sodaatu namaafi uumama hundaaf waan gaarii yaadu uumuudha jedhameera.

Kantibaa itti aanaan magaalaa Jimmaa obbo Kaasahun Duubee, hojiin gama Gumii Abboti Amantaa Ityoophiyaan tokkummaa hawaasaa ijaaruun rakkoowwan muudachaa jiran hiikuun jijjiirrama keessa jirru ceesisuufis, hojjatamaa jiru olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Tumsi kunis gara fuulduratti cimee itti fufuu akka qabus yaadichisaniiru.

Barreessaa Olaanaa Gumii Dhaabbilee Amantaa Feedaraalaa Qasiis Taagayi Taaddalaa, lammiileen Ityoophiyaa jaalalaan waliigalanii waldhaggeffachuun, walgargaaruun, walkabajuu fi waliin jiraachuun aadaadha jedhaniiru.

Yeroo addaa addaattiis rakkoowwan hordoftoota amantaa jidduutti mul’atan mariin furuu keessatti jiraattonni godina Jimmaa fi magaalaa Jimmaa kaaniif fakkeenyaadha jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.