Fana: At a Speed of Life!

Galmeen filattootaa haala gaariirra jira-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gamaaggamni qophii filannoo duraa preezdaantoota naannolee fi Boordii Filannoo waliin torbanitti gaggeeffamuu itti fufuu ibsaniiru.

Gamaggamicharrattii galmeen filattoota haala gaariidhaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniitin akka ibsanitti, lammiileen hanga ammatti hin galmoofne yeroo galmee dheeraateetti fayyadamuun kaardii filannoo akka fudhataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Buufataalee filannootti ramaddiin humnootii nageenyaan taasifamaa kan jiru yoo ta’u, torbeewwan dhufan keessa kan bobba’an ta’a.

Ijaartonnii fi eegdonni dimookiraasii inni dhumaa nuyi Ityoophiyaanota mataa keenya malee michuuwwan keenya miti. Abbaatu murteessa;  michuun ni deeggara. Adeemsi filannichaa milkaa’aafi naga qabeessa akka ta’u waliin haa hojjennu jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.