Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan siivikii filanno dhufurratti  hawaasni akka hubatuuf ga’ee isaanii ba’achuu qabu – Hayyoota

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Gamtaan siivikii filanno dhufurratti  hawaasni akka hubatuuf ga’ee isaanii ba’achuu akka qaban hayyoonni hubachiisan.

Faanaa Broodkaastiing koorporeet waliin turtii kan taasisaan Yuunvarsiitii Finfinneetti barsiisaan saayinsii siyaasaa dooktar Dammaqaa Haaxisoo filannoon dhufu amanamumman, dimokiraasii fi bifa hirmaatummaa qabu akka gaggeeffamuuf nageenya lammiilee eeguun hojii dursaa ta’uu akka qabu kaasniiru.

Yuunvarsiitii Hawaasaatti barsiisaa seeraa kan ta’an gargaraan profeseraa Shimallis Ashaagiree gama isaniin lammiileen adeemsa filannoorratti yaadota dhiyaatan bifa sirriin hubachuu akka qaban eeraniiru.

Kanaafis gamtaan siivikii biyyatiitti argamaan filannooratti hojii hubannooo bali’aan hojjechuu akka qabaan kaasaniiru.

Odeeffannoon partileen siyaasaa dabarsan sirrii fi qaamoolee dhimmi isaa isaan ilaallatuun darbuu akka qabus dubbataniiru.

Filannoo duras ta’ee waqtii filannoo hawaasni akka hubatuuf itti gaafatamumaa kan qabu gamtaa siivikii, akkasumaas paarilee siyaasaadha jedhaniiru jechuun Hayleyesuus Makonnantu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.