Fana: At a Speed of Life!

Gibtsitti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii kuma 50 caale

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Gibtsitti lakkoofsi namoota dhibee Covid -19 qabamanii kuma 50 caaluu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
 
Biyyattiitti guyyaa kaleessa qofa namoonni kumni 1 fi 218 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Erga dhibeen kun biyyattiitti muul’atee eegalee hanga har’aatti namoonni kumni 50 fi 437 yoo qabaman, namoonni kumni 1 fi 938 ammoo du’aniiru.
 
Afrikaatti waliigala hanga guyyaa kanaatti namoota vaayrasichaan qabaman kuma dhibba 2 fi kuma 79 fi 658 keessaa namoonni kumni 7 fi 456 lubbuun darbaniiru.
 
Addunyaarratti ammoo namoota Covid -19 qabaman miiliyoona 7 fi kuma dhibba 6 fi kuma 2 ol keessaa namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 56 fi 802 du’aniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 4 fi kumni dhibbi fi kumni 52 ammoo dandamataniiru.
 
Maddi:-CGTN fi Worldometer
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.