Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti daa’imman kuma 500 ol talaallii Pooliyoo fudhachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti daa’imman kuma dhibba  5 ol talaallii Pooliyoo fudhachuu ibsameera.

Talaalliichi guyyaa har’aas itti fufee kan kennamu ta’uun ibsameera.

Duula talaallii pooliyoo guyyoota afuriif gaggeeffameen daa’imman kumni dhibbi 5 fi kumni 5 fi 7 talaallii kana fudhachuu Itti gaafatamaan waajjira Fayyaa godina Arsii Lixaa obbo Girmaa Yaazow ibsaniiru.

Akkaataa Karoora qabameen %98 kan talaalaman ta’uu fi talaalliin kun guyyaa har’aas itti fufee kan kennamu ta’uun ibsameera.

Yeroo hafte keessatti maatiin daa’imman isaanii talaalchisuun dhibee pooliyoo irraa  baraaruu akka qaba dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeshinii godina Arsii Lixaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.