Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti namoonni hongee bara kanaan miidhaman kuma 800 fi kuma 67 ol ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Jilli Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaamiin durfamu Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti horsiisee bultoota hongeen miidhaman daawwateera.

Godinichatti horsiisee bultoota hongeen miidhamaniif deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachaa jiraachuu Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaam ibsaniiru.

Akka Godina Booranaatti namoonni hongee bara kanaatiin miidhaman kuma 800 fi kuma 67 fi 140 ta’uu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu himan.

Yeroo ammaa namoota kuma 600 fi kuma 4 qofatu deeggarsa argachuu jiraachuu eeruun, namoonni kumni 200fi kuma 63 fi 139 deeggarsa dabalataa kan barbaadan ta’uu himaniiru.

Horsiisee bultootni rakkoo miidhaan nyaata fi bishaan dhugaatii hamaaf saaxilamuu eeraniiru.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir, rakkoon hongee Godina Booranaa kun cimaa waan jiruuf, deeggarsi midhaan nyaataa fi Bishaanii taasifamuu eegaluu dubbataniiru.

Deeggarsi hattatamaa eegalame qaama hunda akka qaqqabuuf hojiitti galuu Komishinarri komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaam himaniiru.

Hanga rakkichi furamutti mootummaan naannoo fi federaalaa qindoominaan kan hojjetan ta’uu eeruu ragaan Waajjira Pireezidaantii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.