Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaa Guddichaarratti marii sadeenii ilaalchisee Ambaasaaddaroota Afrikaa teessoon isaanii Finfinnee taasisaniif ibsi laatame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC)- Hidha Haaromsaa Guddichaarratti marii sadeenii ilaalchisee Ambaasaaddaroota Afrikaa teessoon isaanii Finfinnee taasisaniif ibsi laatameera.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonninii fi ministirri Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa taasisaniru.
Ibsichi waltajjii marii sadeenii Deemokiraatik Rippaabiliik Koongoo, Kinishaasaatti mariisisummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamee kan ilaallatuu yoo ta’u, dhimmoota mariin irratti taasifamee fi ilaalcha Ityoophiyaas ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa laataniiru.
Ityoophiyaan mariin sadeenii mariisisummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu akka itti fufuuf fedhii guddaa qabdi jedhaniiru.
Biyyoonni sadeen itti fayyadamaa bishaan Abbaay ilaalchisee filannoowwan qaban tumsaa fi obbolummaa Afrikaatiin waloon hojjechuuf qaban Ambaasaaddaroota kanneeniif himaniiru.
Maricha bu’a qabeessa taasisuuf bara Faranjoota baatii Adoolessaa 2020 yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaan waliigalteerra ga’aamee fi ibsa baasaan bu’ureeffachuu sadarkaa lamaan marsaa jalqabaa fi dhimmoota walfakkatoo fi itti aansuun waliigaltee itti fayyadamaa bishaanii hunda galeessaa taasisee filannoo fooyya’aa akka ta’uuf Ityoophiyaan akka amantuu ibsaniiru.
Baatii Adoolessaa guutiinsa bishaanii marsaa 2ffaa ilaalchisee Ityoophiyaa Gibtsi fi Sudaan odeeffannoo wal jijjiruun wal hubachuun Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Iinarjiitin Gibtsii fi Sudaaniif xalayaan qaqqabuu ibsameera.
Dabalataanis Ambaasaddaroota kanneeniif haala waqtaawaa daangaa Ityoo-Sudaan ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Ityoophiyaan dhimmicha karaa nagaa mariin akka furamuuf muraanno qabdi jedhaniiru.
Ambaasaaddaroonni kunneen gama isaaniitin, hidha haaromsaa guddichaa ilaalchisee mariisisummaa Gamtaa Afrikaa mata duree ‘rakkoo Afrikaanootaa furmaanni Afrikaanootaa’ jedhuu bu’ureeffachuun mariin sadeenii akka itti fufuu ibsaniiru.
Daangaa Ityoo-Sudaan ilaalchisee Ityoophiyaa rakkichaa karaa nagaa furuuf eejjennoo isheen qabdu dinqisifachuun ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
st
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.