Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee odeeffannoo fayyaa hojjetaman ilaalchisee mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Koreen Qindeessaa Sirna Odeeffannoo Fayyaa Biyyaalessaa hojiilee odeeffannoo fayyaa Ityoophiyaatti hanga ammaatti hojjetaman ilaalchisee marii taasiiseera.

Dhaabbilee deeggartootarraa kan gurmaa’e Koreen Qindeessaa Sirna Odeeffannoo Fayyaa Biyyaalessaa hanqinaalee fi gufuulee odeeffannoo fayyaa muudatanirratti marii gaggeessera.

Odeeffannoo qulqulluu teeknooloojiin deeggaramee fi ragaa sadarkaa hundatti fayyadamuuf sirna odeeffannoo fayyaa fooyyeessun bu’ura ta’uu  Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Fuula Feesbuukii isaanii eeraniiru.

Sirna bulchiinsa odeeffannoo fayyaa cimsuuf marii gaggeeffameen waliigalamuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.