Fana: At a Speed of Life!

Hojiin eegumsa naannoo sadarkaa biyyoolessaatti itti fufiinsan ni gaggeefama jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) – Sadarkaa biyyoolessaatti hanga baatii Gurraandhala 30,2012tti hojiin eegumsa naannoo lafa heektaara miiliyoona 2 olirratti ni hojjetama.
 
Ministir deettaan Ministeera Qonnaa Dooktar Kabaa Urgeessaa turtii Faanaa Broodkastiing Koorporeet waliin taasisaniin, yeroodhaa gara yerootti hubannoon hawaasaa dabalaa dhufuun waggoottan darbanitti hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan guddaan argameera jedhan.
 
Itti aanaa hogganaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Indaalkaachaw Tafarii, hanga ammaatti dameen misooma sululaa bu’aa guddaan argamuu ibsaniiru.
 
Yaa ta’u malee tattaaffi humna qonnaan bultootaa qofaan jijjiirramni qabeenya qilleensaa amma mudataa jiruun waan wal hin simneef tumsii makanaayizeeshinii dirqama jedhaniiru.
 
Waggoottan darbanitti hojiin eegumsa naannoo baadiyyaa qofa keessatti gaggeeffamaa ture wayita ammaa garuu naannichatti mootummaa naannoon kan waamaman magaalonni gurguddoo 19 hojilee garaagaraan akka hirmaataniif hojjetamaa jiraachuu obbo Indaalkaachaw himaniiru.
 
Hanga baatii Gurraandhala 30 kan turu hojiin eegumsa naannoo naannolee biyyattii hundatti ni gaggeeffama jedhaniiru.
 
Naannoo Oromiyaatti misoomni kun sululawwan kuma 6 fi 400 irratti hojjetamaa jiraachuu fi namoonni miiliyoonni 6.8 irratti kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.
 
Hojichaan biqiltuun dhaabaman kununsuunis ni gaggeefama jedhaniiru.
 
Afawarq Alamuutu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.