Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala Qidduus Phaawuloos Koolleejjii Meedikaalaa Barkumeetti tajaajilli qorannoo kaansarii harmaa bilisaan kennamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Hospitaala Qidduus Phaawuloos Koolleejjii Meedikaalaa Barkumeetti guyyaa kaansarii harmaa Addunyaa sababeeffachuun sosochii hubannoo uumuu fi tajaajilli qorannoo kaansarii harmaa bilisaan kennamuu eegaleera.

Sagantaa kanas Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan eegalchiisaniiru.

Hospitaalli kun waggaa waggaan hubannoo hawaasaa uumuuf ji’a Onkoloolessaa keessa sagantaa sosochii hubannoo uumuu kan qopheessu yoo ta’u, baranas guyyaa kana sababeeffachuun hojii hubannoo uumuu torban tokkoof turu qopheesseera.

Sagantaa kanarratti namoonni kaansarii harmaaf saaxilamanii fayyan muuxannoo isaanii qoodaniiru.

Addunyaa kanarraa namoonni miliyoona 2 caalan waggaatti dhukkuba kanaaf kan saaxilaman yoo ta’u,namoota kuma dhibba 6 caalan ammoo  lubbuun isaanii dhabu jedhame.

Ityoophiyaa keessaattis namootni hedduun dhukkuba kanaaf saaxilamuun lubbuun isaanii darbaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa himan.

Dhibicha ilaalchisee hojii hubannoo hawaasaa dabaluuf ciminaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Giddu galli yaala dhukkuba kaansarii harmaa 17 qofa ta’uu dubbachuun, hanqina dhiheessii qorichaa jiru furuufis xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.