Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalota filataman 36tti hojmaanni rakkoolee furan haaraan hojiirraa ooluufi

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti Hospitaalota 36tti hojmaata rakkoolee furan haaraan hojiirra ooluuf ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministir Deetaan Ministeera ministeerichaa Dooktar Ayyalaa Tashoomaa hojmaata haaraa kana Hospitaalaa Xiqur Ambassaa fi Hospitaala Qiddus Phaawuloositti jalqabsiisaniiru.
Finfinneetti Hospitaalota mootummaa fi naannolee hundatti Hospitaalota filatamanitti, hojmaanni kenniinsa tajaajilaa, itti gaafatamummaa dursi kennamuuf, itti fayyadamaa qabeenyaa fi hojmaata qindaawaan hojiirra akka oolaan Dooktar Ayyalaan dubbataniiru.
Kunis gama tajaajilamtootaa fi ogeeyyii fayyaan komii ka’u ni fura jedhan.
Hospitaalota hojmaanni haaraan hojiirra oolchanis, tajaajila kennan ni madaalu, kanneen bu’aa fooyya’aa galmeessaniif beekamtii kennuun ni jajjabeeffamu jechuu isaanii ragaan Ministeera Fayyarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.